Fana: At a Speed of Life!

Hojiin qooda Waldaaleen Hojii Gamtaa guddina diinagdee keessatti qaban guddisu hojjetameera- Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Ebla 13, 2018 (FMC) – Waggoottan jijjiiramaa darban keessa hojiin qooda Waldaaleen Hojii Gamtaa guddina diinagdee keessatti qaban guddisu hojjetameera jedhan Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan.

Sosochiin waltajjii riifoormii Waldaalee Hojii Gamtaa biyyaalessaa 2ffaan mata duree “ Gara Gandaa Qaqqabuu” jedhuun magaalota garaagaraatti gaggeeffamuu eegaleera.

Dooktar Biqilaa Hurrisaa Waltajjii Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jirurratti akka jedhanitti, Itiyoophiyaatti badhaadhinni hunda galeessi akka mirkanaa’uuf hojiilee hojjetaman keessaa gurmaa’iinsa Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuun fi bu’aa qabeessa taasisuun tokko.

Waldaaleen Hojii Gamtaa fayyadamummaafi bu’aa qabeessummaa lammiileef hanga gandaatti gadi bu’anii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Waldaaleen Hojii Gamtaa riifoormii ilaalchaa, gurmaa’iinsaa, hojimaataafi hoggansaa yoo gaggeessan bu’aa olaanaa fiduu akka danda’an kaasaniiru.

Waldaaleen kunneen guddina Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf murteessaa waan ta’aniif hojiileen waldaalee kanneen guddisuu danda’an xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru jedhan.

Lammiileen miiliyoonni 26 waldaalee kuma 89 keessatti gurmaa’uun hojjechaa akka jiranis eerameera.

Komishinarri Itti aanaan Komishinii Waldaalee Hojii Gamtaa Federaalaa Shiisammaa Gabrasillaaseen gama isaaniin, hammattoo seeraa fi roodmaappii fooyyessuun damicha cimsuufi gurmeessuuf hojiilee hojjetaman ta’uu ibsaniiru.

Maqdas Asfaawtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.