Hojiin sagalee lakkaa’uufi ida’uu xumuramuun bu’aan naannolee filannoo hundaa maxxanfame- Boordicha
Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Hojiin sagalee lakkaa’uufi ida’uu filannoo Waliigalaa 7ffaa xumuramuun naannolee filannoo hundatti bu’aan sagalee maxxanfameera jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa.
Naannolee Filannoo 120 irratti komiiwwan adeemsa kenniinsa sagaleetiin wal qabatanii dhiyaatan qorachaa jiraachuu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Aadde Meelatawarqi Hayiluun ibsaniiru.
Gareen Ogeeyyii seeraa walaba ta’aniifi boordichaan hundeeffaman ragaalee komiif dhiyaatan qorachaa akka jiran kaasaniiru.
Gareen Ogeeyyii Seeraa kun qorannoo taasiseen bu’aa irra gahe Boordii Filannoo Biyaalessaaf erga dhiyeessee booda Boordichi murtoo laata jedhan.
Hojiin bu’aa sagalee naannolee Filannootti ida’amuun gara giddugalaatti ergaman mirkanneessuu hojjetamaa akka jiru dubbatan.
Siifan Magarsaan.
#Oromia #Ethiopia