Hojjettoota mootummaa naannoo Tigraayiif miindaan Onkoloolessa 30 irraa eegalee kaffalama
Finfinnee, Onkoloolessa 23,2019(FMC)- Hojjettoota mootummaa naannoo Tigraayiif miindaan Onkoloolessa 30,2019 irraa eegalee kaffalama jedhe Bulchiinsi Imaanaa Naannichaa.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Diinagdeefi Deebisanii Ijaaruu Bulchiinsa Imaanaa naannichaa Dooktar Teewoodiroos Aragaay turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin, kaffaltii miindaa raawwachuuf qophiileen faayinaansii taasifamuu ibsaniiru.
Hojjettoota iddoo hojii isaaniitti argamuun hojii eegaluu gabaasaniifi karaa seera qabeessa ta’een dhaabbilee mootummaa keessatti miindeffamanii hojjetaniif miindaan akka kaffalamu eeraniiru.
Kaffaltiin miindaa eegalamuun tattaaffiiwwan naannichatti hojii dhaabbilee mootummaa irra deebiin eegalchiisuufi kaka’umsa hojjettoonni hojiif qaban cimsuuf taasifamu keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Adeemsi dhaabbilee deebisanii ijaaruufi tajaajila foooyyessuu akkasumas magaalaa Maqaleetti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob eegalchiisuu cimee itti fufuu kaasaniiru.
Naannichatti waggoottan darban keessa miidhaa dameewwan garaagaraan qaqqabe hordofee tajaajiloota addaan citan irra deebiin eegalchiisuuf tattaaffii taasifamu keessatti hojjettoonni dhaabbilee gara hojii isaaniitti deebuun tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbileen barnootaa hojii baruufi barsiisuu akka eegalaniif, biiroleen mootummaa hojii akka jalqabaniifi tajaajiloonni bu’uuraa addaan citanii turan akka deebi’aniif hojiileen garaagaraa hojjeamaniiru jedhan.
Tajaajiloota humna elektirikaa, bishaanii, baankiifi inatarneetii eegalchiisuuf tattaaffiin taasifamuu kaasanii, yeroo ammaa magaalichatti guutummaatti tajaajila kennaa akka jiran eeraniiru.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa