Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalota shaniif kiitiwwan qorannoo ulaa gadameessaa deeggarsaan kennaman

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Piroojektiin ‘ni dandeessi’ jedhamu Hospitaalota shaniif kiitiwwan qorannoo ulaa gadameessaa kuma 4 ol deeggarsaan kennamaniiru

Piroojektiin ni dandeessi qorannoo ulaa gadameessaa cimsuuf Hospitaala Hundagalessaa Addaa Xiqur Ambassaa, Yaadannoo Zawdituu, Hundagaleessa Addaa Pheexiroos, Koollejjii Yaala Fayyaa Adaamaa fi Hospitaala Riifaraalaa Asallaaf meeshaaleen kunneen deeggarsa kennamuu Miseensi Piroojektichaa Dooktar Biiniyaam Tafarraan ibsaniiru.

Deeggarsi kennames dubartoota dhibichaaf saaxilamoo ta’aniif qorannoon dursaa akka taasifamuuf kan tumsu ta’uu dubbatan.

Piroojektichi ga’umsa ogeeyyii yaala fayyaa guddisuuf, ogeeyyii fi leenjifamtoonni bakkuma jiranitti walirraa akka baratan haala kan mijeessu akka ta’e ibsan.

Tigisti Getaachootiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.