Fana: At a Speed of Life!

‘Human Rights Watch’ ABUT duraanii bobbii loltummaa dirqii gaggeessaa jiraachuu saaxile

Finfinnee,Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Quuqama Mirga Namoomaa idil addunyaa ‘Human Rights Watch’ ABUT duraanii bobbii loltummaa dirqii gaggeessaa jiraachuu saaxileera.

Dhaabbatichi ibsa baaseen, gareen ABUT baatii Ebla darbee kaasee guddaattoota umriin isaanii waggaa 15 gadii osoo hin hafne dirqiin kaayyoo waraanaaf ukkaamsaa jiraachuu beeksise.

Namoota hojii albuuda baasurratti bobba’an dirqiin gara waraanaa fudhataa jiraachuu ibse.

Garichi kutaalee naannichaa garaagaraa keessa socho’uun mana manarra deemuun lammiilee siiviilii kaayyoo waraanaaf dirqiin fudhataa jiraachuu eere.

Gareen seeraan alaa kun jiraattoota naannichaa dirqiin gara waraanaatti fudhachuu hordofee naannichatti sodaa guddaan uumamuu hime.

Garichi gochaa seeraan alaa kana saffisaan akka dhaabu kan akeekkachiise Dhaabbanni Quuqama Mirga Namoomaa idil addunyaa ‘Human Rights Watch’ guddattoota karaa adda addaan dirqiin gara waraanaatti fudhate ariitiin akka deebisu gaafateera.

Gochaa ukkaamsuu dabalataan gareen seeraan alaa kun maatii daa’imman umriin isaanii hin geenye haleellaa jalaa miliquuf yaalan hidhaa fi rakkisaa jiraachuu kaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.