Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Tekinoolojii Haaraa Hidhate
Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) — Jijjiiramoota waliigalaa caasaa fi tekinooloojii Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota dhiyoo as geggeessaa tureen, dhaabbata guddaa fi ammayyaa madaallii humnaa naannichaa eegsisuu danda’u ta’eera.
Sirna hojii anaaloogii irraa gara tekinooloojii dijitaalaatti guutummaatti ce’uun, xiyyaarota waraanaa dhaloota afraffaa kanneen akka Su-30 fi J-10, xiyyaarota ammayyaa nama maleessaa fi sirnoota raadaaraa ga’umsaan walitti qindeessuun, dandeettii Itiyoophiyaan balaa nageenyaa kamirraayyuu eeguuf qabdu olaantummaan guddisuu danda’eera.
Ce’umsi tekinooloojii kun Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa balaa kamiyyuu dursee ittisuu, fi birmaddummaa biyyattii, nageenya uummataa fi guddina diinagdee saffisaa galmaa’aa jiru karaa amansiisaa ta’een eeguuf dandeettii tarsiimawaa akka qabaatu ta’eera.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbilee walfakkaatoo naannawichaa keessa jiranirraa kan adda taasisu, dandeettii suphaa, fooyyessaa fi oomishaa ofii isaa ijaarrachuu isaati.
Dhaabbatichi beekumsa tekinooloojii sadarkaa qorannoorra ture gara hojii qabatamaatti jijjiiruun, xiyyaarotaa fi diroonota biyya keessatti suphuu fi fooyyeessuu bira darbee, guyyaatti meeshaalee jijjiirraa dhibbaan lakkaa’aman oomishuun, hirkattummaa biyya alaa itti fufiinsaan hir’isuu danda’eera.
Kunis fedhii dhaabbatichaa guutuu bira darbee, biyyoonni Afrikaa hedduun fedhii suphaa teeknikaa, dabarsa beekumsaa fi leenjii ogummaa karaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa guuttachuu akka danda’an karaa baneera.
Kanaanis dhaabbatichi utubaa ittisaa biyya keessaa ta’uu bira darbee, giddugala tekinooloojii fi leenjii naannawichaa ta’uu danda’eera.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hanga bara Faranjootaa 2030tti, dandeettii tekinooloojii fi waraanaa yeroo ammaa qabu dachaan guddisuu fi gara sadarkaa waraanaa dhaloota shanaffaatti ce’uuf karoora tarsiimawaa ifa ta’e qopheessee hojii irra oolchaa jira.
Dhaabbanni kun misooma humna namaa tekinooloojii waraanaa ammayyaan walitti qindeessee hogganaa kan jiru yoo ta’u, Gaanfa Afrikaatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf gahee ardicha irratti bakka bu’aa hin qabne ba’achaa jira.
Walumaagalatti, Humni Qilleensaa ammayyaa kun kan ijaarame tekinooloojii, humna namaa fi dandeettii oomishaa biyya keessaa irratti hundaa’uun yoo ta’u, Itiyoophiyaan naannawichatti olaantummaa tarsiimawaa fi wabii nageenyaa ta’uu ishee ifatti kan labsee dha.
Abirahaam Abarraatiin
#Oromia #Ethiopia