Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojii Droonii guddina hunda galeessa Itiyoophiyaaf

Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Bara haaraa simachuuf samii Finfinnee irratti agarsiisni dinqisiisaa Drooniiwwaniin qophaa’e, Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin guddina saffisaa fi sadarkaa olaanaa agarsiisaa jirtu ifatti kan mul’ise taateewwan seena qabeessa keessaa tokko ta’eera.

Drooniiwwan kuma 3 walitti qindaa’uun ayyaana bara haaraa miidhagina olaanaan yeroo ibsan, samiin Finfinnee walitti makama ogummaa, kalaqaa fi teeknooloojii ammayyaa ta’uun halkan sana ifeera.

Agarsiisichi uummataaf bareedina ifaa fi halluu qofa kan dhiyeesse osoo hin taane, Itiyoophiyaan teeknooloojii Droonii ammayyaa fi damee dijitaalaa irratti imala guddaa taasisaa jirtu kan mirkaneesse dha.

Yeroo ammaa teeknooloojiin Droonii bashannanaa fi agarsiisa ayyaanota uummataa qofaaf osoo hin taane, tajaajila gama hedduu kennuuf bal’inaan itti fayyadamaa jira.

Imala dijitaalaayizeeshinii kana keessatti carraawwan jajjabeessoo fi hojiiwwan hojjetamaa jiran, Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin biyyoota Afrikaa Bahaa dursan keessaa tokko akka taatu kaayyeffatanii hojjetamaa jiru.

Jalbultii ayyaana bara haaraa irratti Drooniiwwan hedduu sirna walitti qindaa’eefi algoriizimii sadarkaa olaanaatiin hoogganuu danda’uun, Itiyoophiyaan dameewwan sooftiweerii ammayyaa, nageenya saayibarii fi injiinariingii eeronootiiksii keessatti humna namaa fi bu’uuraalee misoomaa guddachaa dhufaa jiran akka qabdu ifatti mul’iseera.

Kana malees, teeknooloojii Droonii biyya keessatti walitti qabuu, suphuu fi sirnoota sooftiweerii qopheessuu irratti dandeettiin guddachaa dhufuun, imala Itiyoophiyaan damee aviyeeshinii keessatti taasisaa jirtu saffisa.

Akkasumas, qonna, fayyaa, misooma magaalotaa fi adeemsa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa keessatti itti fayyadamni Droonii babal’achaa dhufuun, guddina diinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa taasisuuf carraa uuma.

Kana malees, jijjiirama teeknooloojii cimee dhufaa jiruufi sirnoota biyya keessaan qophaa’anitti fayyadamuun, hirkattummaa biyya alaa hir’isuu kan dandeessisuu dha.

Walumaagalatti, agarsiisni Drooniiwwanii halkan ayyaana bara haaraa irratti samii Finfinnee miidhagse, dargaggoota, qorattootaafi abbootii kalaqaaf abdii guddaa fi kaka’umsa uumeera.

Aadaa Itiyoophiyaa, hambaa seenaa fi mul’ata Dijitaalaa Itiyoophiyaa karaa suuraa samii irratti mul’isuun, Itiyoophiyaan imala teeknooloojiidhaan of danda’uu irratti karaa sirrii irra jiraachuu ishee kan agarsiisee dha.

Abrahaam Abarraatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.