Humnaa fi kennaa qabnu hundaan oomishnee gargaaramtummaa keessaa ba’uu qabna – Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Caamsaa 13, 2018(FMC) – Humnaa fi kennaa qabnu hundaan oomishnee gargaaramtummaa keessaa ba’uu qabna jedhan Ministirri Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Waajjira Ministira Muummee Dooktar Biqilaa Hurrisaa.
Waltajjiin marii paanaalii mataduree ” Gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti,” jedhu Ministeera Qonnaa fi Tajaajila Oduu Itoophiyaan qophaa’e magaalaa Dirredhawaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajicharratti kan argaman Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Waajjira Ministira Muummee Dooktar Biqilaa Hurrisaa, Mootummaan jijjiiramaa biyyattii gargaaramtummaa jalaa baasuun furtuu birmadummaa fi kabaja biyyaa ta’uu hubatee xiyyeeffaanoon hojjataa jira jedhan.
Kanaafis qabeenya lafaafi bishaanii, humnaafi beekumsa lammiilee guutummaatti gara omishaatti galchuun barbachisaa ta’uu dubbataniiru.
Baroottan darban imaammata qonnaa fooyya’aa ta’e diriirsuun qabeenya lafaafi bishaanii sirnaan itti fayyadamu dhabuun Itoophiyaan barootaaf eeggattummaa keessaa akka hin baane taasisuu kaasaniiru.
Gargaaramtummaa jala taa’uun bara 2023tti mul’ata fakkeenya badhaadhinaa Afrikaa ta’uu milkeessuun hindanda’amu kan jedhan Dooktar Biqilaan, Mootummaan jijjiiramaa ilaalcha gargaaramtummaa guutummaatti cabsuun biyyattiin nyaataan of danda’uu bira dabartee qamadii fi oomishaalee qonnaa adda addaa gara biyya alaatti erguu dandeessiseeraa ibsan.
Akka biyyaatti Inniisheetiiviiwwan bocamanii hojitti galan kana milkeessuu keessatti gahee guddaa himaniiruu.
Dhimmi Nyaataan of danda’uu dhimma birmadummaa fi kabaja biyyaa ta’uu ibsanii, qabeenya lafaa fi bishaanii ogummaan dabaaluun itti fayyadamuun dhimma murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.
Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Dirredhawaa Obbo Ibraahiim Yusuuf gama isaaniin, xiyyeeffanaa mootumaan gama kanaan kenneef qonni magaalaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufee fi wabii midhaan nyaataa uummtaa mirkaneessaa jiru kanaaf agarsiistuu guddaa ta’uu kaasaaniiruu.
Waltajjicharratti Daarektara Inistiyuutii Tiraansiformeshiishii Qonna Itoophiyaa Dooktar Maandafroo Nugusee dabalatee Hooggantoonni Biiroolee Qanna Naannoolee Baha Itoophiyaa argamaniiru.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia