Hundi keenya walooma irratti xiyyyeeffachuu qabna- Luba Taagaay Taaddalaa
Finfinnee, Caamsaa 16, 2018 (FMC) – Hundi keenya haasawaa jibbiinsaarra olaantummaa yaadaa; qoqqoodiinsa irra walooma irratti xiyyeeffachuu qabna jedhan Barreessaa Olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaa.
Lubni Taagaay Taaddalaa Sagantaa kadhannaa nageenyaafi waloomaa biyyaalessaa gaggeeffamaa jirurratti ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaaf ajandaan waloo keenyaa nageenya waaraafi duudhaalee amantaalee barootaaf turan cimsuudha jedhan.
Hoggantoonni amantaalee nageenya biyyaaf waloon dhaabachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisanii, tokkummaan nageenya biyyaaf kadhachuu qabna jedhaniiru.
Hiyyummaa irratti duuluun guddina biyyaa mirkaneessuuf kadhannaafi hojiin cimuun barbaachisaa akka ta’es eeraniiru.
Hundi keenyi haasawaa jibbiisaarra olaantummaa yaadaa; qoqqoodiinsarra walooma irratti xiyyeeffachuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Uummanni Itiyoophiyaa kan barbaadu nageenyaafi misoomaa ta’uus ibsaniiru.
Admaasuu Arraagaawuun.
#Oromia #Ethiopia