Fana: At a Speed of Life!

Ijipti Biyya Seenaa fi Yeroo Irraa Hinbaranne

Lagni Naayil qabeenya uumamaa cunqoo biyyoota hedduuf dandeettii faayidaa waloo mirkaneessu qabudha.

Haa ta’u malee, qabeenyi uumamaa kun sababaa Ijipti waggoota dheeraaf madda walitti bu’iinsa siyaasaa ta’ee tureera.

Ijipti waliigalteewwan mootummaa koloneeffataa bara 1929 fi 1959 irratti hirkachuun qooda bishaan Naayil faayidaa ishee qofaaf eegsisuurratti cichite.

Waliigalteewwan kunneen biyyoota madda lagaa kanaa, keessumaa Itiyoophiyaa keessatti kan hirmaachise hinturre.

Ijipti mirga biyyoota biroo tuffachuun, pirojektoonni misoomaa biyyoota madda lagichaa keessatti hojjetaman eeyyama ishee malee akka hin raawwatamne barbaaduun ofittummaa hamaadha.

Akkasumas, bishaan Naayil irraa haala haqa qabeessa ta’een fayyadamuun mirga biyyoota hundaati.

Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi waliigalteen waloo biyyoota yaa’aa lagichaan, ilaalcha qooda bishaan durii jijjiiruuf tarkaanfii seena qabeessa ta’eera.

Lagni Naayil madda nagaa, misoomaa fi badhaadhina waloo ta’uu kan danda’u, yoo biyyoonni hundi walqixxummaa, waliigaltee waloo irratti hundaa’anii qabeenya kana waliin fayyadaman qofa.

Ilaalchi Ijipti haala yeroo ammaa wajjin kan hin deemne, ofittummaa irratti kan hundaa’e, miidhama biyyoota biroo irratti bu’aa ofii barbaadudha.

Fedhiin Ijipti seera uumamaas kan faallessudha.

Bishaan madda uumamaa isaa irra kan deeme “fayyadama seenaa durii” sababa jedhuun “ana qofaaf mala” jechuun, jijjiirama qilleensaa fi guddina baay’ina uummataa tilmaama keessa hin galchine, guutummaatti ofittummaa qofaadha.

Seera fayyadama haqaa fi sababaawaa ta’een biyyi kamiyyuu biyya biraa utuu hin miidhin lagichaatti fayyadamuu mirga qaba.

Ijipti torbanoota dhihoo kanatti illee waliigaltee bara sirna kolonii sana kaasuudhaan iyyuu fi booyicha ishee itti fuftee jirti.

Kun kan ka’e, Itioophiyaan ol ka’uu fi badhaadhina ishee misoomsuu jalqabuu isheetini.

Guddinni Itiyoophiyaan waggoota muraasa keessatti galmeessite Ijipti dhukkubsiteera.

Yoo kaniin itti fufte, qabeenya ishee guutuutti lakkoofsifattee badhaadhinni ishee ariitiidhaan mirkanaa’a waan ta’eef.

Tarkaanfiin Ijipti kun haala yeroo ammaa waliin kan hin deemnee fi guutummaatti ofittummaan kan guutame, kisaaraa biyyoota kanneen biroo irratti bu’aa qofa argachuuf kan kaayyefatedha.

Lagni Naayil madda nagaa fi badhaadhina waloo ta’uu kan danda’u, Ijipti yaada dulloome dhiistee, miiraa waloon fi walqixxummaa Afrikaanotaa yoo fudhattedha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.