Fana: At a Speed of Life!

Ilaalcha gargaaramtummaa jalaa bilisoomuun dhimma kabajaafi birmadummaa biyyaati- Obbo Kaffaaloo Tafarraa

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Ilaalcha gargaaramtummaa jalaa bilisoomuun dhimma gaaffii diinagdee deebisuu qofa osoo hintane dhimma kabajaafi birmadummaa biyyaati jedhan Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraan.

Naannoo Oromiyaatti ergama biyyaalessaa lammilee hirkattumma deggarsaa jalaa guutummaatti baasuuf qabame milkeessuuf karoorri dandeessisu mata duree “Gargaaramtummaarraa gara Omishtummaatti, Kabajaafi birmadummaa biyyaa guutuu ta’eef!”jedhuun qophaa’e irratti mari’atameera.

Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa kallattii raawwii karoorichaa wayita ibsan, ilaalcha gargaaramtummaa jalaa bilisomuun dhimma gaaffii diinagdee deebisuu qofa osoo hintane dhimma kabajaafi birmadummaa biyyaati jedhaniiru.

Karoorri kun lammiilee deeggarsa eeggatan qabeenya naannichaa keessattuu kan akka lafa qonnaafi bishaanii qabnu fayyadamuun gara oomishtummaatti akka ce’an dandeessisuurratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiiisan.

Karoora kana milkeessuudhaaf hooggansi sadarkaan jiru sirna deeggarsaafi hordoffii bu’a qabeessa hojiirra oolchuudhaan karoorichi qabatamaan fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuu akka qabu ibsaniiru.

Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii gamasaaniin, waggoottan lamaan darban rakkoowwan uumamaafi namtolchee bakkeewwan addaa addaatti mudatan hojiiwwan misoomaa eegalamee osoo hin gufachiisin dandamachuun milkaa’inoonni gurguddaan argamuu eeraniiru.

Muuxannoo argame bu’uureffachuun karoora haaraa qabame kana gahumsaan raawwachuuf humni guutuufi kutannoo olaanaan akka jiru ibsaniiru.

Karoorri qophaa’e qabatamaan akka hojiirra ooluu gochuun dirqama birmadummaa biyyaa mirkaneessuu waan ta’eef hunduu gahee isaa akka bahatu hubachiisuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Adeemsi raawwii isaa naannoon kan hoogganamuufi rakkoon yoo mudates humna naannichaatiin kan furamu ta’uu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.