Imala magariisummaa fi ammayyummaa magaalaa Finfinnee…
Finfinnee,Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Imalli magariisummaa fi ammayyummaa magaalaa Finfinnee adeemsa bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jiruudha jedhe Waajjirri Kaantiibaa Magaalichaa.
Finfinneen gaarreenii fi tabbawwaniin magaalaa marfamtee jirtuudha.
Gaarri Inxooxxoo, Eekkaa, Furii fi Wacacaan gaarreen Finfinnee marsanii argamaniidha.
Qixa galaanarraa olkaa’iinsa Meetira kuma 2 fi 300 irratti kan argamtu Finfinneen akkuma Laapaaz, Boogootaa fi Meeksikoo Siitii magaalota bakka olka’aarratti hundaa’an keessaa tokko ishee taasisa.
Gaarreeniin marfamuun ishee ammoo lageen hedduu akka qabaattu carraa kan uume yoo ta’u, lageen 70 ol gaarreen kanneen keessa burqan Finfinnee qaxxaamuruun yaa’a Awaashitti makamu.
Haa ta’uu waggoottan darban magaalattiin lageen qabaachuun ishee kan yaadatamu, waqtii gannaa keessa wayita lageen kunneen guutuun bakka ga’umsaa dhabuun rakkoo uuman qofa ture.
Amma garuu seenaan jijjiirameera, qarqarri lageen Finfinnee miidhaguun bakka bashannanaa fi aara galftii ta’aniiru.
Hojiin misooma magariisummaa magaalaan Finfinnee hojjetaa jirtu hunda kan hammate, Hunda caalaa mirga lammiileen bakka qulqulluu fi mijataa ta’e keessa jiraachuu kan mirkaneesseedha.
Akkasuma madda galii olaanaa ta’aniiru.
Misoomni kuduraa fi Muduraa, horsiifni kanniisaa, misoomni Injoorii dargaggoota magaalichaaf carraa hojii bal’aa uumaniiru.
Finfinnee magaalota addunyaa irratti hawwataa fi jireenyaaf mijatoo ta’an keessaa tokko taasisuuf waggoota muraasa darban keessatti tattaaffiin godhame bu’a qabeessaa ta’eera, uwwisni magariisummaa % 2 gadi ture amma % 20 caaleera.
Magaalattiin akkuma Kooppaanhagan, Baankoobarii fi Siingaapoor magaalaa magariituu fi ammayyooftuu ta’uuf imala eegalteerti.
Milkaa’inni magaaloota kanneenii uwwisa magariisummaa guddisuu qofa osoo hin taane fayyadama anniisaa faalamaaf saaxilamaa ta’an gara anniisaa haaromuutti jijjiiruun.
Finfinneen uwwisa magariisummaa guddisuun filannoon maddoota anniisaa faalamummaa xiqqeessan fayyadamuu jajjabeessaa,gama biroon hojii biqiltuuwwan dhaabuu, eegumsa qilleensaa fi bishaanii bala’isuu hojjetaa jirti.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaas sadarkaa biyyaalessaatti kan eegalame yoo ta’u,Finfinneenis dhaabuuf qophii xumuruu waajjirri Kaantiibaa magaalichaa ibseera.
#Oromia #Ethiopia