Fana: At a Speed of Life!

Imala Misooma Humna Haaromfamaa Itiyoophiyaa Cimaa Jiru

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018(FMC) – Imalli Itiyoophiyaan misooma humna haaromfamaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa keessatti taasisaa jirtu yeroo ammaa daran fooyya’aa fi gara tumsa amanamaa ta’etti guddachaa jira.

Biyyattiin guddina dinagdee, ce’umsa indaastirii fi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf imala eegalte milkeessuuf dhiyeessiin humna ibsaa amansiisaa ishee barbaachisa.

Itiyoophiyaan dhugaa kana hubachuun, dursummaa Hidha Haaromsaa Gudducha Itoophiyaan, pirojektoota humna elektirikii biyyattii babal’isanii fi ammayyeessan hedduu hojjechaa jirti.

Imalli tarsiimawaan kun lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman dukkana keessaa baasuu qofa utuu hin taane, Itiyoophiyaan wiirtuu humna ibsaa Afrikaa Bahaa akka taatuuf mul’ata biyyaalessaa guddaa qaba.

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa, hojii misooma bu’uuraalee humnaa gurguddaa keessatti fakkeenya ta’uun, cimina, ogummaa, tokkummaa fi walta’iinsa uummata Itiyoophiyaa kan argisiisuu dha.

Dambiin kun yaa’iinsa uumamaa laga Abbayyaa osoo hin gufachiisin, faayidaa biyyoota yaa’aa gadii osoo hin miidhin, humna bishaanii gara ibsaa qulqulluu elektirikiitti jijjiiruudhaan seenaa haaraa uumaa jira.

Sadarkaalee kuusaa bishaanii fi ijaarsaa milkaa’inaan xumuraa kan jiru pirojektiin guddaan kun dhiyeessa humna elektirikii biyyattii dachaan guddisuuf dandeettii olaanaa qaba.

Hidhi kun paarkota indaastirii, babal’ina magaalotaa fi ifa baadiyyaaf madda humnaa ta’uun guddina dinagdee saffisiisaa jira.

Haa ta’u malee, tarsiimoon humna Itoophiyaa humna bishaanii ykn Hidha Haaromsaa qofa irratti kan hundaa’e miti. Biyyattiin maddoota humnaa garaagaraa babal’isuuf hojii bal’aa hojjechaa jirti.

Gama humna bishaaniitiin, pirojektoonni akka Kooyishaa, Gilgal Gibee fi kanneen biroo irratti ijaaraman yookaan ijaaramaa jiran humna meegaawaattii kuma hedduu kuusuun humna biyyaalessaatti dabalaa jiru.

Kana malees, qabeenya uumamaa ishee irratti hundaa’uun, Itiyoophiyaan humna qilleensaa, humna aduu fi humna ho’a lafa keessaa bal’inaan misoomsaa jirti.

Buufatni humna qilleensaa akka Ashaagodaa fi Adaamaa, akkasumas pirojektoonni humna ho’a lafa keessaa Aluutoo Laangaanoo, sirna humna haaromfamuu biyyattii caalaatti amanamaa fi jijjiirama haala qilleensaa irraa dandamataa taasisaa jiru.

Dandeettiin humnaa guddaan biyya keessatti oomishamu kun daangaa Itiyoophiyaa ce’ee walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuuf gahee guddaa taphachaa jira.

Mul’ata “Madda Humnaa Afrikaa Bahaa” ta’uuf qabdu dhugoomsuuf, Itiyoophiyaan sararoota dabarsa humna elektirikii olaanaa diriirsaa jirti.

Yeroo ammaa kana Keeniyaa, Suudaan, Suudaan Kibbaa fi Jibuutiif humna elektirikii dhiyeessaa jirti. Akkasumas walitti hidhamiinsi kun gara Taanzaaniyaa fi biyyoota Afrikaa Kibbaa birootti akka babal’atu hojiiwwan diplomaasii fi teekinikaa bal’aan hojjetamaa jiru; biyyoonni muraasni immoo yaalii bittaa jalqabaniiru.

Gurgurtaan humna elektirikii kun galii sharafa alaa guddaa Itiyoophiyaaf argamsiisuun alatti, nageenyaa fi walitti hidhamiinsa dinagdee biyyoota naannawichaa gidduu jiru cimsuuf meeshaa dippilomaasiita’ee tajaajila.

Hojii Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaa fi pirojektoota humna haaromfamaa adda addaa irratti hojjechaa jirtu fedhii humna elektirikii biyya keessaa guutuu qofa utuu hin taane, eegumsa naannoo fi guddina dinagdee magariisaaf kutannoo ishee agarsiisa.

Bara baajataa 2018 xumurametti, Itiyoophiyaan maddoota humnaa garaagaraa irraa waliigalaan humna elektirikii megawaattii kuma 9 fi 730 oomishuu dandeesseetti.

Kunis bu’a qabeessummaa kutannoo misooma damee kanaa guddisuuf qabdu kan mirkaneessuu dha.

Immabeet Siisaay’n

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.