Fana: At a Speed of Life!

Imalli Alii Ahimad cimina hojii, dandeettii gabbisuufi of-kennuun kan ijaaramedha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan taphataan Garee Kubbaa Miilaa Kaanaadaa Alii Ahimad waliin mari’anneera jedhan.

Har’a Alii Ahmad, ilma keenya, miseensa garee kubbaa miilaa biyya Kaanaadaafi taphataa garee kubbaa miilaa ‘Norwich City’ waajjira kootti simachuun kiyya nagammachiisera jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Imalli Alii cimina hojii, dandeettii gabbisuufi of-kennuun kan ijaaramedha. Alaabaa Kaanaadaa jalatti taphatus, Oromummaan isaa daangaa irratti biraa hinhafne. Eessayyuu jiraatu, eenyummaan isaa isa waliin imala. Kunis ilmaan Oromoo bakka jireenyi isaan geesse hundatti eenyummaa isaanii kabajanii, hojiifi milkaa’ina isaanii keessatti, addunyaa irratti mallattoo isaanii kaa’aa akka jiran nuyaadachiisa jechuun ibsan.

Diyaaspooraan keenya madda jabinaafi qabeenya guddaadha.

Gumaachi isaanii milkaa’ina dhuunfaa qofaan kan madaalamu miti; Oromiyaafi addunyaa gidduutti riqicha walitti hidhamiinsaa ijaaruunis gahee olaanaa bahataa jiru. Milkaa’inni isaanii dargaggoota keenya abdii, ofitti amanamummaafi kaayyoo cimaadhaan abjuu isaanii akka hordofan kakaasa.

Alii Ahmad imala hanga ammaatti taasiseen boonnera. Fuuldurattis milkaa’ina caalu akka galmeessu hawwina. Ilmaan Oromoo eenyummaa isaanii kabajanii bakka kamiyyuu jiraatan, ulfinaafi maqaa gaarii Oromoo of-waliin baatanii imalu. Kun imala isaanii qofa osoo hintaane, ulfina ummata isaanii maraati jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.