Indaastiriin oomishaa onnee guddina diinagdeeti – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 6, 2018(FMC) – Indaastiriin Oomishaa onnee guddina diinagdeeti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala guddinaa fi babal’ina Indaatirii Oomishaa Itiyoophiyaa ilaalchisee mata duree ‘ Onnee Birmadummaa’ jedhuun EBC waliin turtii taasisaniiru.
Madaala Siyaasaa fi Diinagdee gidduu jiru eeguun Diinagdee Siyaasaa sirnaan hubachuun murteessaa ta’uu himan.
Biyya jijjiiramuu fi guddachuuf yaadu kamiifiyyuu Indaastiriin oomishaa bu’uura olaanaa ta’uu ibsan.
Oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, qulqullina, baay’inaa fi yeroon oomishuuf Indaastiriin daran murteessaa akka ta’e kaasan.
Guddina diingadee yeroon barbaadu galmeessuu fi sadarka guddina diinagdee fooyyessuuf gaheen Indaastirii olaanaa akka ta’e kaasan.
Kalaqaa fi Teeknooloojii guddisuuf, guddina diinagdee ceesisuu, carraa hojii bal’aa uumuu fi sharafa alaa argamsiisuun birmadummaa biyya tokkoo mirkaneessuu keessatti Indaastiriin seektara murteessaa ta’uu kaasan Dooktar Abiy Ahimad ibsa kennaniin.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia