Itiyoo Telekoom galii Birrii biiliyoona 200 fi biliyoona15.8 argate
Finfinnee, Adooleessa 15, 2018 (FMC) — Itiyoo Telekoom bara baajataa 2018 xumurametti galii Birrii biiliyoona 200 fi biliyoona15.8 argadhe jedhe.
Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Telekoom, Firehiyiwat Taammiruu, raawwii hojii dhaabbatichaa bara 2018 irratti har’a ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii keessattis, bara baajatichaatti maddoota galii babal’isuuf hojiiwwan hedduun hojjetamuu kaasaniiru.
Akka ibsa isaanii irraa hubatametti, bara kana keessatti galiin Birrii biliyoona 200 fi biliyoona15.8 argameera.
Kanaanis karoora qabamee ture keessaa dhibbeentaa 99.7 galmaan gahuun danda’ameera jedhan.
Galiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu, dhibbeentaa 33.2’n caalmaa akka qabu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia