Itiyoophiyaafi Taayilaandi waliigaltee Pirootokoolii iddoo ga’umsa gabaa gamlamee mallatteessan
Finfinnee, Adoolessa 1, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan bu’uura hammattoo miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaan Taayilaandi waliin Pirootokoolii iddoo ga’umsa gabaa gamlamee mallatteessiteetti.
Waliigalticha Jeeneevaatti Ergamaan Dhaabbii Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Tsaggaa’aab Kibabaw fi Dhaabbata Daldalaa Addunyaa fi Dhaabbata Mirga Abbummaa Kalaqa Sammuu Addunyaatti Ergamaan Dhaabbii Taayilaandi Ambaasaaddar Baa’oochitir Piitfiildi mallatteessaniiru.
Ambaasaaddar Tsaggaa’aab wayita kana waliigaltichi adeemsa Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf taasiftu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia