Itiyoophiyaan filmaatawwan fayinaansii haaraa akka argattuuf BRICS carraa uumeera- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan filmaatawwan fayinaansiifi gabaa haaraa akka argattuuf BRICS carraa uumeera jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawa yaa’ii hoggantootaa BRICS 18ffaa irratti taasisaniin, BRICS Itiyoophiyaan fedhii isheefi galmawwan waloo Afrikaa akka calaqqisiistuuf akkasumas garicha keessatti qooda olaanaa akka qabaattuuf carraa uumuu ibsaniiru.
Tokkummaan cimuu kan danda’u sagaleewwan hundi wayita dhagahaman ta’uu kaasanii, akkuma BRICS’tti taasifame dhaabbilee idil-addunyaa hunda keessatti sagaleen biyyootaa dhagahamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ejjennoo waloo Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’ummaa dhaabbii akka qabaattuuf Gamtaa Afrikaan dhiyaate Itiyoophiyaan akka qooddattu ibsuun, BRICS tattaaffii kana akka deeggaru gaafataniiru.
Dabalataanis BRICS filmaatawwan faayinaansii Itiyoophiyaaf carraa uumuu kaasanii, Baankiin Niwu Diviloopimant Itiyoophiyaafi biyyoota Afrikaa biroof filmaata faayinaansii ta’ee dhufeera jedhaniiru.
Deeggarsa faayinaansii baankichi Afrikaatti pirojektiiwwan qonnaa, inarjii, indaastiriifi daldala naannawaa irratti taasisu Itiyoophiyaan akka dinqisiifattu kaasaniiru.
Baankichi filmaatawwan faayinaansii filmaatawwan gabaa waliin walitti hidhaa jiraachuufi BRICS baankonni Itiyoophiyaa kaffaltiiwwan daangaa ce’an akka raawwataniif carraa uumuus eeraniiru.
Kunis naannawichatti daldalli akka cimu, invastimantiin akka babal’atuufi daldalli xixiqqoon filmaatawwan gabaa haaraa akka argatan carraa kan banudha jedhaniiru.
Miikiyaas Ayyalaan.