Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hariiroo Azaarbaajaan waliin qabdu cimsitee itti fufti – Af Yaa’ii Taaggasee Caafoo

Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Azaarbaajaan tumsa waloo dameewwan adda addaan qaban caalmaatti cimsanii itti fufu jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon.

Obbo Taaggasee Caafoon daawwannaaf gara Itiyoophiyaa kan dhufan Af Yaa’ii Mana Maree Biyyaalessaa Azaarbaajaan Saahiibaa Gaafaaroovaa fi jila isaanii simachuun waliin mari’ataniiru.

Sosochiilee hojii waliigalaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ilaalchisee jilichaaf ibsa kan taasisan obbo Taaggaseen, daawwannichi hariiroo seenaa fi tumsa dippiloomaasii biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu dubbatan.

Af Yaa’ii Saahiibaa Gaafaaroovaan gama isaaniin, qondaaltoonni Itiyoophiyaa yeroo adda addaatti Azaarbaajaan daawwachuun isaanii hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf gumaachuu ibsan.

Biyyi isaanii dameewwan Barnootaa, ijaarsa dandeettii, qonnaa fi kanneen biroon tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu mirkaneessuu isaanii ENA gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.