Itiyoophiyaan Ji’oota 9 Keessatti Daawwattoota Alaa Miiliyoona 1.2 Keessummeessite
Finfinnee, Eebla 9, 2018 (FMC) – Ji’oota saglan darban keessatti lammiileen biyya alaa miiliyoona 1.2 ta’an bakkeewwan tuuriizimii Itiyoophiyaa daawwataniiru.
Marsariitiin tuuriizimii idil-addunyaa “Travel & Tour World” akka gabaasetti, hojiileen Itiyoophiyaan damee tuuriizimii irratti hojjetaa jirtu bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiru.
Akka gabaasa kanaatti, Itiyoophiyaan innisheetivoota tuuriizimii irratti xiyyeeffannoo kennuun hojiirra oolchaa jirtuun, biyyoota Afriikaa guddina ariifataa galmeessisaa jiran keessaa tokko taateetti.
Ji’oota saglan darban keessatti qofa daawwattoonni alaa miiliyoona 1.2 ol ta’an Itiyoophiyaa keessatti hawwata tuuriizimii adda addaa daawwachuu isaanii gabaasichi ibseera.
Kanaanis galii doolaara biiliyoona 2 ol argachuun akka danda’ame ragaa Ministeera Tuuriizimii Itoophiyaa waabeffachuun gabaaseera.
Bu’aan kun dameen tuuriizimii biyyattii ce’umsa milkaa’aa irra jiraachuu kan agarsiisu yoo ta’u, keessattuu hojiileen fooyya’insa tarsiimawaa Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimadiin durfaman qooda ol-aanaa akka fudhatan ibseera.
Innisheetivoonni akka ”Maaddii Biyyaaf” sosochii tuuriizimii magaalotaa kakaasuuf gumaacha guddaas gumaachaniiru.
Hojiileen kunneen qabeenyota kiliyaa Yuuneeskoon galmaa’an kanneen akka Masaraa Faasilii fi Dallaa Jagool Harar suphuu fi kunuunsuu waliin qindaa’anii hojjetamuun isaanii damee kanaaf humna dabalataa ta’uun eerameera.
Daawwattoota alaa malees, tuuriizimiin biyya keessaa kaka’umsa guddaa agarsiiseera.
Ji’oota 9 darban keessatti daawwattoota biyya keessaa irraa galiin birrii biiliyoonni 60 argamuus gabaasichi eereera.
Gama biraatiin, magaalaa Finfinnee qofatti waggaa kanatti walgahiiwwan idil-addunyaa 150 ol keessummeessuun akka danda’ame gabaafameera.
Kunis magaalattiin giddu-gala tuuriizimii daldalaa fi walgahiiwwan idil-addunyaa ta’aa dhufuu ishee agarsiisa.
Bara 2025tti baay’ina daawwattoota alaa irratti guddinni dhibbeentaa 15 kan agame yoo ta’u, kunis Itiyoophiyaan addunyaa irratti bakkeewwan guddina tuuriizimiin abdii qaban keessaa tokko akka taatu gumaacheera.
Dabalataan, guddinni damee tuuriizimii Itiyoophiyaa beekamtii idil-addunyaa kan argate yoo ta’u, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa milkaa’ina kanaaf gahee murteessaa xaphateera.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia