Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenyaadha – Ministeera Alaa Laayibeeriyaa

Finfinnee, Eebla 6, 2018(FMC) – Jilli Laayiberiyaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Laayibeeriyaan durfamu tajaajila giddugala tokkoo Masoob Federaalaa daawwateera.

Itiyoophiyaan hojiin damichaan hojjette akka Afrikaatti fakeenya kan ishee taasisu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Biisooloow dubbataniiru.

Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan damee Teeknooloojii fi tajaajila mootummaan tumsan ni hojjetu kan jedhan Ministirittiin, guddinni Itiyoophiyaan damichaan galmeessite dinqisiisaa ta’uu eeran.

Kunis Laayibeeriyaaf fakkeenyaa fi muuxannoo olaanaa ta’uu dubbatan.

Milkaa’inni Itiyoophiyaan damee Teeknooloojiin galmeessaa jirtu guutuu Afrikaa kan boonsu ta’uu kaasan.

Daawwannichi qaama biyyoota Afrikaaf muuxannoo qooduu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan giddugalichaa Yoonaas Alaamaayehu Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti himaniiru.

Daawwannichi hariiroo seenaa qabeessa bara dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru gara tumsa qabatamaatti kan jijjiiru ta’uu eeran.

Jilli Laayibeeriyaa Pireezidaantiin biyyattii Jooseef Niyumaan Boo’aakaayiin durfamu eda galdala daawwannaa hojiif Finfinnee galuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.