Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Afrikaa mirkaneessuuf gaheen qabdu cimee itti fufa – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Finfinnee, Caamsaa 11, 2018 (FMC )- Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Afrikaa mirkaneessuuf gaheen qabdu cimee itti fufaa jedhan Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Marshaal Birhaanuu Juulaan.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, Daayirektara haaraa Humna Eeggattuu Baha Afrikaa Birgaadeer Jeneraal Roonaaldi Raawiivaangaa fi Daayirektara duraanii Birgaadeer Jeneraal Pool Kaahuriyaa Nijeemaa waliin mari’ataniiru.
Daayirektarri duraanii gabaasa raawwii hojiilee Humna Eeggattuun raawwataman dhiyeessuun, kutannoo fi gahee hoggansaa Itiyoophiyaan rakkoolee nagaa fi tasgabbii naannawichaa furuuf agarsiisteef dinqisiifataniiru.
Fiildi Maarshaal Birhaanuun, humni eeggattuu kan hundeeffame qindoominaa fi tokkummaa siyaasaa biyyoota miseensaa guddisuuf ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan deeggarsa humna eeggattuuf taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Afriikaa kabachiisuu keessatti gumaachi isheen taasisaa turtee fi taasisaa jirtu olaanaa ta’uu yaadachiisuun, gahee ishee kana cimsitee itti fufti jedhan.
#Oromia #Ethiopia