Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan nageenyi naannawaa akka bu’u kutannoodhaan hojjechaa jirti – Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo

Finfinnee, Adoolessa 3, 2018 (FMC) – Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasee Caafoo Itiyoophiyaan nageenyi naannawaa waaraan akka bu’uuf kutannoodhaan hojjechaa jirti jedhan.

Fooramiin Idil-addunyaa Odeeffannoo fi Nageenya Paarlaamaa, kan miseensota paarlaamaa, ogeeyyii odeeffannoo fi qondaaltota mootummaa gidduutti sodaa nageenya idil-addunyaa irratti walta’iinsa cimsuu irratti xiyyeeffate gaggeeffamuu jalqabeera.

Af-ya’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasee Caafoo fooramii kana irratti akka jedhanitti; Itiyoophiyaan muuxannoo diimokraasii umrii dheeraa qabduun nageenya fi tasgabbii mirkaneessuuf kutannoodhaan hojjechaa jirti.

Fooramiin kun Itiyoophiyaan filannoo biyyaalessaa murteessaa ta’e erga gaggeessitee booddee gaggeeffamuun bulchiinsa diimokraasii mirkaneessuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Itiyoophiyaan filannoo waliigalaa 7ffaan filannoo nagaa fi hirmaachisaa ta’e gaggeessuu yaadachiisanii; Itoophiyaan filannichaan dandeettii guddaa ijaaruun diimokraasii babal’isuuf kutannoo qabdu mirkaneessiteetti jedhan.

Dhimma nageenya addunyaa jijjiiramaa fi hin amansiisne keessatti waliin hojjechuun akka barbaachisu eeranii; fooramiin kun walta’iinsa biyyoota gidduu jiru cimsuuf qophaa’ummaan akka jiru kan agarsiisuu dha jedhan.

Naannoon Gaanfa Afriikaa fiinxaalessummaa, walitti bu’iinsa, jijjiirama qilleensaa fi haleellaa saayibarii bal’inaan keessummeessaa akka jirus kaasaniiru.

Miidhaa seeraan ala daddabarsa namootaa, godaansaa fi haleellaa saayibarii waliin ittisuun akka barbaachisu hubachiisanii, rakkoo kana furuuf Afriikaan qajeelfama “Furmaata Afriikaa rakkoolee Afriikaatiif” jedhu hordofuun hojiiwwan bu’a qabeessa hojjechaa akka jirtu addeessaniiru.

Itiyoophiyaan nageenyi naannawaa akka bu’u gareewwan shororkeessaa ittisuu irratti kutannoodhaan hojjechaa jirti kan jedhan obbo Taaggaseen; daddabarsaa fi godaansa seeraan alaa namootaa maddarraa ittisuuf carraa hojii bal’inaan uumuu irratti xiyyeeffannoon akka kennames dubbatan.

Hojii eegumsa fayya uummataa irratti hojjetameenis weerara mudatee ture to’achuun akka danda’ame kaasanii; tekinoolojiiwwan Hubannoo Nam-tolchee irratti dandeettii dhaabbatummaa ciimsuuf hojiiwwan hojjetaman milkiidhaan raawwatamaa akka jiran hubachiisaniiru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.