Itiyoophiyaan raawwachuu itti fufte – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Riizoortii Konfiraansii Aarbaa Minci eebbisiisan.
Riizoortiin har’a eebbifame kun milkaa’ina guddaa dabalataa sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaf’ ta’uu kaasan.
Riizoortichi Reestooraantii addaa socho’aa hara irratti ijaarame fi galma walga’ii namoota kuma 1 fi 300 keessummeessuu danda’uu kan hammate yoo ta’u, Tuurizimii Konfiraansii babal’isuun Itiyoophiyaa Giddugala Waltajjiiwwan idil addunyaa taasisuuf galma qabanne cimsa jedhan.
Hawaasa naannawaaf ammo carraa hojii bal’aa uumuu kaasan.
Ummanni Itiyoophiyaa, Diyaaspooraa fi hawaasni idil addunyaa iddoo addaa fi hawwataa kana daawwachuu fi itti fayyadamuun, waliin taanee indastirii turizimii fi konfiraansii Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa haa bannu jechuun waamicha dhiyeessan.
#Oromia #Ethiopia