Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan tajaajila geejjibaa diinagdee magariisaa utubu uumteetti – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.

Itiyoophiyaan tajaajila geejjibaa diinagdee magariisaa utubu mijeessuu Ministirri Ministeera Geejibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsaniiru.

Ministeerichi geejjibaa magariisaa qilleensa naannoo hin faalle babal’isuun haala danda’amurratti qooda fudhattoota waliin Godambaa Saayinsitti marii gaggeesseen Ashaaraan magariisaa fi misoomni koriidarii haala mijataa uumuus himaniiru.

Itiyoophiyaan dinagdee magariisaa rakkoo kamiifuu hin jilbeeffanne ijaaraa jirtuun naannoo faalamarraa bilisa ta’e geejjibaaf mijatu uumteetti jedhan Dooktar Alamuun.

Akkasumas diinagdee magariisa teeknoloojii dijitaalaan dabaalame hojiirra oolchaa jirtuunis imala badhaadhinaa bu’uura cimarraa dhaabaa jiraachuu ibsan.

Geejjibni elektirikaa daangaa ce’uun walitti dhufeenya biyyootaa fi tokkummaa lammiilee cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuus himaniiru .

Tasfaayee Ijjiguutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.