Itiyoophiyaan Yaa’ii 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa akka qopheessitu filatamte
Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii 2ffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa akka qopheessitu filatamteerti.
Itiyoophiyaan waltajjii Giddugala Bulchiinsa Afrikaa waggaa kan ta’ee yaa’ii 2ffaa paartilee siyaasaa Afrikaa akka qopheessitu filatamuun ibsameera.
Yaa’ichi xumura bara Faranjootaa Onkoloolessa 2026 ni gaggeeffama.
Yaa’ichi sirna diimookiraasii Paartilee Siyaasaa Afrikaa ijaaruuf, dhaabbilee cimsuufi ce’umsa diinagdee ardichaa fiduuf gahee qaban kan guddisu akka ta’e ibsameera.
Qophii yaa’ichaa sababeeffachuun Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, Walitti Qabdu Mana Maree Hojii-raawwachiiftuu Giddu gala Bulchiinsa Afrikaa Beeneediiktaa Laasiin waliin mari’ataniiru.
Obbo Adam Faaraah wayita kan haasawa taasisaniin, Paartiileen Siyaasaa mariin ijaaraman akka jiraatuuf kan dandeessisan Afrikaanonni waltajjii ofii isaanii dursan jiraachuun faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.