Itiyoophiyaanonni kutannoo diimokiraasiif qaban filannoon agarsiisan- Mahaammud Alii Yusuuf
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf Itiyoophiyaanonni kutannoo diimokiraasiif qaban filannoo waliigalaa 7ffaan agarsiisaniiru jedhan.
Mahaammud Alii Yusuuf filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuu hordofee dinqisiifannaa uummataafi mootummaa Itiyoophiyaaf qaban ibsaniiru.
Adeemsi filannichaan Itiyoophiyaanonni dimookiraasiin bu’uura misooma hawaasummaafi diinagdee akka ta’uuf kutannoo qaban ibsaniiru jedhan.
Filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf gahumsaafi kutannoo Boordii Filannoo Biyyaalessaas dinqisiifataniiru.
Komishiniin Gamtaa Afrikaa biyyoota miseensa gamtichaatti bulchiinsa diimokiraatawaa adeemsa filannoo amanamummaa, nagaa qabeessaa fi iftoomina qabuun cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsuusaanii ragaan Gamticharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia