Itoophiyaan Dhiibbaawwan Diinagdee Addunyaa Dandamachuun Guddina Ishee Itti Fufsiisteetti – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad rifoormiin diinagdee Itoophiyaan dhiibbaawwan diinagdee walitti bu’iinsa addunyaa irratti uumameen mudatan dandamachuun guddina ishee akka itti fufsiistu dandeessiseera jedhan.
Dooktar Abiy har’a miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa irraa gaaffiilee ka’aniif deebii fi ibsa yeroo kennanitti akka dubbatanitti, walitti bu’iinsi biyyoota biroo keessatti uumame Itoophiyaa irratti dhiibbaa geessiseera.
Walitti bu’iinsi biyyoonni gurguddoon keessatti hirmaatan guddina addunyaa fi sochiilee daldalaa irratti dhiibbaa geessisuu eeranii, gatiin boba’aa, xaa’oo akkasumas loojistiiksii dabaluu isaatiin qaala’iinsi gatii naannoo murtaa’an irraa gara biyyoota garaagaraatti babal’ateera jedhan.
Haaluma kanaan Itoophiyaa keessattis gatiin meeshaalee alaatii galanii dabaluun rakkoolee walqabatan geessisuu kan ibsan Dooktar Abiy, waggoota muraasa darban keessa fooyya’iinsi diinagdee gooroo hojiirra oole dhiibbaawwan kana dandamachuun guddina ishee akka itti fufsiistu gochuu ibsaniiru.
Fooyya’iinsi kun cabiinsi diinagdee gooroo Itoophiyaa akka sirreeffamuuf sadarkaa olaanaatti gumaacha taasiseeras jedhan.
Damee qonnaatiin waggoota darban keessa sanyii filatamaa babal’isuu fi hojiiwwan qonna jallisii guddisuun bu’aan qabatamaan galmeeffamuu eeranii, Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti omishni qamadii olaanaan mul’achuu akka ragaatti dhiyeessaniiru.
Liqii kanaan dura nurra tureen diinagdeen sarara diimaa keessa galee ture amma dhibbantaa 50 ol ta’uun gara sarara magariisaatti ce’uus eeraniiru.
Carraa hojii uumuun keessumattuu hojii biyya alaatti ramaduu fi intarneetiin (onlaayinii) carraa hojii uumuun akka danda’ame ibsaniiru.
Tigist Gizaachoon
#Oromia #Ethiopia