Fana: At a Speed of Life!

Jalqabuu adeemsa baruu fi barsiisuu bara 2019 naannoo Oromiyaa…

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) – Har’a Guutuu Oromiyaatti adeemsi baruu fi Barsiisuu bara 2019 sagantaalee adda addaan eegaleera.

Naannoon Oromiyaatti bara barnootaa 2019tti manneen barnoota kuma 37 fi 121 keessatti barattoota miiliyoona 13 fi kuma 500 fi kuma 21 fi 861 simachuun barsiisuuf karoorfamee hanga guyyaa har’aatti barattoonni miiliyoonni 7 galmaa’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon sagantaa baniinsaarratti ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf bu’uura cimaafi itti fufiinsa qabu diriirsuun Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa, Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu babal’isuun fooyya’insi bu’aa barachuu barattootaa dhawaata dhawaatan galmaa’aa jira.

Mootummaan qabxii Qormaata Naannoo kutaa 6ffaa, 8ffaafi biyyaalessaa kutaa 12ffaa caalmaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaa jira.

Fooyyessa qulqullina barnootaa keessatti gahee olaanaa bahachaa kan sagantaan nyaata barattootaas baraa baratti fooyya’aa dhufeera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma barnootaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuun hojiilee gurguddoo carraa barnootaa qulqullina qabu dhaqqabamaa taasisuun lammii baratee badhaadhina maatiifi biyyaa dhugoomsuu danda’u horachuuf hojii guddaa hojjechaa jira.

Bara barnootaa kana naannichatti barattoonni miiliyoona 7. 4 sagantaa nyaata manneen barnootaatiin fayyadamoo akka ta’an hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni mul’isu.

Har’a guutuu Oromiyaatti Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu hanga Kutaa 12ffaa jiran hunda keessatti jalqabeera.

Hoggantoonni Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Maatiin Barattootaa, Abbootiin Gadaa, Barsiisotniifi Barattootni bakka argamanitti Sirna ho’aan Jalqabameera.

Barattoonni hanga ammaatti hin galmoofne hanga Dilbata dhufuutti akka galmaa’an Dooktar Tolaa Bariisoon dhaamaniiru.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.