Jijjiiramni bu’uuraalee misoomaan dhufe caalaatti hojjechuuf kan nukakaasuu dha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 15, 2018(FMC) – Baroota jijjiiramaa keessa hojiiwwan gama bu’uuraalee misoomaan hojjetamaniin bu’aan argame kan nama gaabbisiisuu dha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad bu’aalee waggoota jijjiiramaa keessa argaman ilaalchisee sirna eebba warshaa oomisha Seeraamikaa Giraandiyur magaalaa Mojootti ijaaramee irratti dubbii dubbataniin gama bi’uuraalee misoomaan waggoota muraasa keessatti bu’aa guddaan argamuu ibsan.
Bu’aan waggoota muraasa keessatti galmaa’e utuu duraan akkanatti hojjetamee eessa ga’uu akka dandeenyu gaabbii kan uumuu dha jedhan.
Baadiyyaa irraa eegalee hojiin bu’uuraalee misoomaa ammayyeessuu qulqullinaan hojjetamee fi baasiin itti ba’e saphaatti ilaalamuu akka hinqabne kan kaasan Dooktar Abiy, hojiiwwan godina Shawaa Bahaa keessatti hojjetamaniin jijjiirama dhufe akka argisiistuutti eeraniiru.
Hojiin mootummaan naannoo oromiyaa Godina Shawaa Bahaa irraa eegalee hojjetaa jiru sirnaan qabamnaan Itiyoophiyaan akkuma yaadame badhaadhina milkeessuu biyya dandeessu ta’uu bira darbee biyya kan biraa gargaaruu dandeessu ta’uu mirkaneessa jedhan.
Waarshaaleen duraan muraasa turan ammatti heddummachuun cimnee hojjennaan gaaffiin bara dheeraa yeroo gabaabaatti deebisuu akka dandeenyu hubatamuu qaba jechuunis ibsaniiru.
Milkaa’inoota kanneen kunuunsuufi eeggachuun dhaloota itti aanutti dabarsuunis akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Milkaa’ina argame kantti quufuun rafuu osoo hintaane caalmaatti hojjechuuf kaka’uu akka barbaachisus dhaamaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin
#oromia #Ethiopia