Jiraattootnii magaala Jimmaa biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaa jiru
Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC) – Saganataa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa tokkoo mata duree ”Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti har’a geggeeffamaa jiruun, jiraattonni magaalaa Jimmaas dammaqinaan ba’anii dhaabaa jiru.
Akka magaalichaatti sagantaa guyyaa tokkoo kanaan biqiltuu miliyoona 1 ol dhaabuuf karoorfame.
Ganna kana guutummaatti ammoo biqiltuuwwan akaakuu adda addaa miliiyoona 3.6 gandoota magaalichaa hunda keessattii dhaabuuf hojjetamaa jira.
Amiinaa Abdallaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia