Kaantibaa Adaanech Abeebeen ijaarsa manneenii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa daawwatan
Finfinnee,Waxabajjii 16, 2018 (FMC) – Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen adeemsa ijaarsa manneenii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa daawwataniiru.
Ijaarsi manneenii baatiwwan lamaan har’aa eegalaman kan Kutaa Magaalaa Addis Katamaa naannawaa ‘Qixal Taraatti’ raawwatamaa jiru saffisa olaanaan raawwatamaa jiru jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Ijaarsi gamoowwanii yeroo amma darbii 9ffaarra qaqqabuu ilaallerra jedhan.
Sababa iddoo qulqulleessuun gamoowwan baatii har’aa eegalamanis yeroo ammaa darbii 4ffaa fi 5ffaarra gahuu eeruun, gamoowwan dhiyeenya eegalamanis haala gaariin adeemaa jiraachuu kaasan.
Piroojektoonni kunneen kan hojjetaman manneen jireenyaa qofaaf osoo hin taane, dhaabbilee daldalaa, Nageenyaa, manneen barnootaa fi fayyaa, bakka Ispoortii, bakkeewwan oolmaa daa’immanii dabalatee tajaajilawwan hawaasaa biroof xiyyeeffannoo kan laate ta’uu ibsan.
Waliigalaan qe’ee jireenyaa Qixal Taraa, safara Gadaamii fi safara Xaaliyaanii daballee walqunnamsiisuun naannawicha misoomsuun naannawaa jireenyaa ammayyaa fi carraa hojii bal’aa uumu ni taasifna jedhuun ibsan.
Wayita filannoos ijaarsi Piroojektootaa osoo hin laafin itti fufuun, haala kamiiyyuu keessatti hawaasa keenya amanamummaan tajaajiluuf murannoo qabaachuu keenyaaf agarsiiftuudha jedhan.
Gamoowwan kunneen yeroo kaa’ame keessatti saffisaa fi qulqullinaan akka xumuramaniif hoggantoota, hojjettoota, waldaalee, dhaabbilee ijaarsaa fi qooda fudhattoota hojjetaa jiran hunda galateeffataniiru.