Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gamoo abbaa darbii 5 manneen jireenyaa 44 fi suuqiiwwan qabu fayyadamtootaaf dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen gamoo abbaa darbii 5 manneen jireenyaa 44fi suuqiiwwan qabu fayyadamtootaaf dabarsanii kennaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa kutaa magaalaa Addis Katamaa naannawaa Gabsi Taraa jedhamuun beekamu Qe’ee Gaarummaa lakk. 3’tti kan ijaarame gamoo abbaa darbii 5 manneen jireenyaa 44fi suuqiiwwan qabu fayyadamtootaaf dabarsinee kennineerra jedhan.

Naannawichi Kanaan dura jireenyaaf mijataa akka hin taane, manneen dulloomaniin kan guuteefi irra deddeebiin balaa ibiddaaf saaxilamaa akka ture yaadachiisaniiru.

Qe’ee kanatti kan har’aa dabalatee gamoowwan 5 waliigala manneen jireenyaa 377 qaban ijaaramuu kaasanii, jiraattonni jireenya rakkisaa keessaa bahuun kabaja isaanii kan madaalu, haala jireenyaa ammayyaa uumuufi qe’ee jireenyaa sadarkaa isaa eeggate keessa akka jiraatan gochuu keenyatti baay’ee gammadneerra jedhan.

Qaamolee ijaarsa qe’ee kanaa keessatti qooda fudhatanis galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.