Kantiibaa Adaanech Abeebeen Ijaarsa Manneen jireenyaa Poolisii Magaalichaa eegalchiisan
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2018 (FMC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa manneen jireenyaa ammayyaa Poolisii magaalichaa eegalchiisaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, har’a ijaarsa qe’ee mana jireenya ammayyaa Poolisii Magaalaa Finfinnee eegalchiifneerra jedhan.
Hojiilee riifoormii dhaabbilee poolisiin hojjetamaa jiruu fi raayyichi imaanaa uummataan itti kenname sirnaan akka bahatu taasisuuf hojiin hojjetamu ‘Ganda Raayyaa ni ijaarra’ jennee waadaa galle gara hojiitti hiikneerraa jedhan.
Manneen ijaaraman Gamoowwan 12 abbaa adarbii 15 yoo ta’u, raayyichi dhiibbaa hawaasummaa fi diinagdee hir’isuun cichoominaafi sirnaan ummata akka tajaajilu taasisuufi jedhan.
Hojiileen riifoormii raayyicha damee teeknikaa, beekumsaa fi teeknooloojiin hidhachiisuu cimanii kan itti fufan ta’uu eeruun, akkasumas jiruuf jireenya poolisii foyyeessuuf hojiileen eegalaman bu’a qabeessa akka ta’aniif ciminaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.