Kantiibaa Adaanech Abeebeen raawwii hojiilee filannoofi bu’aa qabeessummaa hojiilee filannoon boodaa gamaaggaman
Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen raawwii hojiilee filannoofi bu’aa qabeessummaa hojiilee filannoon boodaa hoggantoota magaalichaa waliin gamaaggamaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa raawwii hojiilee filannoofi bu’aa qabeessummaa hojiilee filannoon boodaa hoggantoota magaalaa keenyaa hunda waliin gamaaggamneerra jedhan.
Filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan akka hin gaggeeffamneef diinonni alaafi keessaa waliin ta’uun duula miidiyaafi sosochiiwwan garaagaraan nageenya booressuuf qophiin taasisan osoo hin milkaa’iin akka hafe eeraniiru.
Seenaa Itiyoophiyaa keessatti guddinni olaanaan kan itti mul’ate filannoo dimookiraatawaa, naga-qabeessaafi amanamaa gaggeessuun Itiyoophiyaanonni cichoominaan seenaa haaraa galmeessuun Itiyoophiyaan filatteetti; injifatteetti jedhan.
Filannichi kutannoo uummataa, hoggansaa, miseensotaa, deeggartootaa, waldaalee hawaasa siiviilii, miidiyaalee, paartilee siyaasaa dorgomtootaa, qaamolee nageenyaafi Boordii Filannoo akkasumas qaamolee qooda fudhattoota hundaan milkaa’uu eeraniiru.
Kanaafis qaamolee qooda fudhattootaa hundaa galateeffataniiru.
Hojiilee filannoon boodaa keenya raawwachuun galmoota qabanne karaa guutuu ta’een milkeessuuf waliigalleerras jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia