Keeniyaa fi Itiyoophiyaan akkuma seenaan walfakkaatu qaban, carraan fuulduraas walfakkaachuutu irra jira – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 10, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kabaja guyyaa yaadannoo maashuujaa gootoota Keeniyaarratti hirmaataniiru.
Dooktar Abiy Ahimad guyyaa gootoonni bilisummaa, Birmadummaa fi misooma Keeniyaaf gumaacha olaanaa taasisan itti yaadataman irratti keessummaa kabajaa ta’uun hirmaataniiru.
Gootonni keeniyaa bilisummaa, birmadummaa fi misooma Keeniyaa kabachiisuuf wareegama kaffalaniif kabaja guddaan qaba jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Ashaaraa Gootummaa fi namuusa gootoota darbaniif kabaja jabaa qabaachuu kaasan.
Seenaan gootummaa fi wareegama Keeniyaa seenaa Adwaa waliin kan walfaakkatan ta’uu ibsan.
Seenaa gootummaa fi wareegama Keeniyaa seenaa Adwaa Itiyoophiyaa wajjin baay’ee wal fakkaata. Seenaa Adwaa keessatti, Itiyoophiyaanonni kutaalee biyyattii hundarraa walitti dhufuun biyya isaanii ittisuuf tokkummaan dhaabbatan.
Seenaan bilisummaa walfakkaatu kun kennaan kan argaman osoo hin taane gootummaa, tokkummaa fi wareegamaan kan argaman ta’uu eeran.
Akkuma seenaan keenya walfakkaatu, carraan keenya fuulduraas walfakkaachuutu irra jira jechuun ibsan.
Yaadama ida’amuutiin, Itiyoophiyaanii fi Keeniyaan ummata keenyaaf carraawwan bal’aa fi badhaadhina waliinii uumuuf, tumsa dameewwan anniisaa qulqulluu, walitti hidhamiinsa daandiiwwanii, telekoomunikeeshinii fi daldalaa keessatti qabnu caalaatti cimsuu qabna jedhan.
Har’a gootota kabajni kennameef hundaaf kabaja guddaa fi ulfina olaanaa nan dhiyeessa.
Baga Guyyaa Maashuujaa (Guyyaa Goototaa) geessan! jechuun dubbatan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa