Kenna tajaajila si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Kenna tajaajila si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ittaanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.
Obbo Awwaluu Abdiin yaadotaa fi gaaffiilee miseensota Caffeerraa ka’aniif ibsa fi deebii kennaniiru.
Wiirtuu 2ffaa ykn bulchiinsa gandaan hojiin hojjetamee bu’aa qabeessa ta’uu ibsan.
Inisheetiivii Tajaajila giddugala tokko babal’isuun hojiin milkii qabu hojjetamuu dubbatan.
Moosaajii garagarraatiin tajaajilli tutuqqii irraa bilisa ta’e kennamaa jiraachuu himan.
Komii hawaasaa furuuf hojiin hojjetamee bu’aa galmeessuu eeran.
Tajaajiloota teeknooloojiin deeggaraman hedduu ummata biraan gahuuf kan hojjetamu ta’uu ibsani.
Qaala’insi jireenya har’isuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa turuu ibsan.
Kanaanis qalaa’insi jireenya % 12 gadii bu’uu himan.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia