Fana: At a Speed of Life!

Kitaabilee naannawaa baadiyyaatti manneen barnootaa ammayyaa ijaaruuf oolan…

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kitaabilee Ida’amuu, Daandii Ida’amuu, Dhaloota Ida’amuufi Mootummaa Ida’amuu jedhaman barreessuun dubbisaaf qaqqabsiisaniiru.

Galii gurgurtaa kitaabilee kanneen irraa argames hojiilee tajaajila tola ooltummaaf oolchaniiru.

Tooftaan galii walitti qabuu kun bajata idilee mootummaan ala barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf madda faayinaansii ta’eera.

Galiin gurgurtaa kitaaba Ida’amuurraa argame Birrii miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 10 ol Waajjira Giiftii Dureef kennameera.

Waajjirichi galii kana fayyadamuun naannawaa baadiyyaa biyyattiitti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa ammayyaa hedduu ijaaruun tajaajilaaf qaqqabsiiseera.

Manneen barnootaa galii gurgurtaa kitaaba Kanaan ijaaraman manneen barnootaa naannawaa baadiyyaatti argaman biroorra meeshaaleen ammayyaa kan guutameefidha.

Manneen barnootaa kunneen mannneen yaalii saayinsii, kutaalee kompiitaraafi manneen kitaabaa babal’aa qabu.

Kana malees kutaalee barnootaafi galmawwan mijatoo kan qabanidha.

Ijaarsi manneen barnoota kanneenii kan raawwatame aanaalee Kanaan dura manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa hin qabneefi barattoonni barnoota sadarkaa 2ffaa barachuuf karaa dheeraa bakka deemanitti.

Barattoonni naannawaa baadiyyaa keessumaa dubartoonni barnoota sadarkaa 2ffaa barachuuf rakkoo daandii dheeraa adeemuufi barnoota addaan kutuu hambiseera.

Naannolee Oromiyaa, Afaar, Somaalee, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Amaaraa, Kibbaafi kanneen birootti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa ammayyaa 30 ol ijaaramuun tajaajilaaf gahaniiru.

Hogganaan tokko qabeenya sammuu isaanii gurguruun dhaloota kan ijaaru damee barnootaa deeggaruun isaanii aadaa tola ooltummaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraa baneera.

Mootummaan baajata dameewwan baay’ee barbaachisoo ta’an biroof ramadamu osoo hin tuqiin qulqullina barnootaa irratti dandeettii dabalataa uumuuf dandeessiseera.

Hojiin tola ooltummaa gurgurtaa kitaabaan manneen barnootaa ijaaruu kun beekumsa beekumsaan ijaaruu fi yaadamni Ida’amuu gara hojiitti hiikamuu isaaf agarsiistuu guddaadha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.