Fana: At a Speed of Life!

Komiiwwan adeemsa filannoo irratti ka’an mariifi ragaan furamaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa komiiwwan adeemsa filannoo irratti ka’an mariifi ragaan furamaa jiru jedhe.

Paartileen siyaasaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachaa jiran rakkoolee adeemsa galmee filannoo irratti nu mudateera jedhan dhiyeessaa jiru.

Keessumaa Paartiin Tumsa Tokkummaa Itiyoophiyaaf naannolee Oromiyaafi Amaaraa iddoowwan tokko tokkotti wayita galmee kaadhimamtootaa doorsisniifi dhamaatiin akka irra gahe komii dhiyeessuun haaldureen kan eeramudha.

Komeewwan kana ilaalchisee Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin turtii kan taasisan Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Diimokiraasii Paartii Badhaadhinaa fi Hojii Raawwachiisaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Mallas Alamuun ibsa kennaniiru.

Rakkoolee adeemsa filannoo keessatti mudatan furuuf manneen waloo sadarkaa sadarkaan hundaa’an waliin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti godinaalee, bulchiinsota magaalaafi aanaalee %80 ol keessatti hundaa’uu ibsuun, paartileen rakkoolee isaan mudatan ragaan deeggaramanii yoo dhiyeessan bilisummaan mariin gaggeeffamee furamaa jiru jedhan.

Torban kana keessa qofa komiiwwan paartilee siyaasaarraa dhiyaatan 69 keessaa 60 guutummaatti furamuu eeruun, kanneen hafan 9 ammoo adeemsarratti kan argaman ta’uu kaasaniiru.

Filannichi bilisa, haqa qabeessafi amanamaa akka ta’uuf Paartiin biyya bulchu itti gaafatamummaa guddaa qaba jedhan.

Qaamoleefi miseensonni caasaa Paartii Badhaadhinaa adeemsa filannoo kanarratti gufuu ta’an yoo argaman hojiirraa gaggeessuurraa eegalee tarkaanfiin bulchiinsaa cimaan irratti fudhatamaa akka jiru mirkaneessaniiru.

Paartileen siyaasaa tokko tokko sirnoota Manni Marichaa rakkoolee ittin furu fayyadamuurra miidiyaa hawaasaa irratti waca uumuun adeemsa filannoo maqaa balleessuu irraa akka of qusatan dhaamaniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.