Komishinichi imala jijjiiramaa Itiyoophiyaa ni deeggara- Kilaavar Gaateetee
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Komishiniin Diinagdee Afrikaa imala jijjiiramaa Itiyoophiyaa ni deeggara jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateeteen.
Kilaavar Gaateeteen Yaa’ii biyyaalessaa ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’ jedhu irratti haasawa taasisaniiru.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa, ce’umsa anniisaa Hidha Guddicha Haaromsaa irratti hundaa’e, jijjiirama damee geejjibaa E-moobiliitiin durfamu fi guddina waaraa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa eeruun Itiyoophiyaan fakkeenya jijjiiramaa akka taate kaasaniiru.
Dhaga’amtummaan Itiyoophiyaa guddachaa dhufuu eeranii, yaa’ii COP32 akka qopheessituuf filatamuun ishees kana mirkaneessa jedhan.
Kunis Afrikaan deebii kennuurra darbee dammaqinaan dursaa jiraachuu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.
Komishiniin Diinagdee Afrikaa deeggarsa imala jijjiiramaa Itiyoophiyaafi ajandaa waliigalaa Afrikaaf taasisu kan itti fufu ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummee irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia