Kooridariin Jibuutii hidda dhiigaa Itiyoophiyaa waan ta’eef baaburaa fi daandii saffiisaan walqunnamsiisuun dhimma murteessadha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 7, 2018 (FMC) – Kooridariin Jibuutii hidda dhiigaa Itiyoophiyaa waan ta’eef baaburaa fi daandii saffiisaan walqunnamsiisuun dhimma murteessadha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee mata-duree “Onnee Birmadummaa” jedhuun gaaffii fi deebii EBC waliin taasisaniin, bu’uuraalee misoomaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, akkuma indaastiriin onnee misoomaa ta’e, bu’uuraaleen misoomaa immoo hidda dhiigaati kanaaf lachuu qindoominaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Daandiin Saffiisaa Adaama – Awaash xumuramuu kan ibsan Dooktar Abiy, hiddaa dhiigaa Itiyoophiyaa kan jedhaman keessa tokko koriidarii Jibuutii waan ta’eef baaburaa fi daandii saffiisaan gidduu biyyaa waliin walsimsisuun dhimma murteessaadha jedhan.
Bu’uuraaleen misoomaa baaburaa baay’ee qaalii ta’us, wantoonni baay’een biyya keessatti hojjetamuu kan danda’an ta’uu ibsuun, wantoota hojjechuuf dandeenyuufi hin dandeenye addaan baasuun, dandeettii ofiitiin naannawaa Aqaaqiitti daandii baaburaa ijaarreerra jechuun ibsaniiru.
Buufata gogaa ilaalchisees, iddoowwan adda addaatti yaaliwwan jiraachuu fi waggoottan sadan darban irratti hojjetamaa kan ture buufanni gogaa Moojoo dhiyeenyatti kan eebbifamu ta’uu kaasaniiru.
Buufanni gogaa Moojoo bal’ina isaatiin, konteeneroota qabatuu fi ammayyummaa isaatiin buufanni Jibuutii fi Barbaraa isa hin qaqqaban kan jedhan Dooktar Abiy dhiheenya kan eebbifamuu fi baaburaa wajjiin kan quunnamu ta’uu eeraniiru.
Admaasuu Arraagaawutiin.
#Oromia #Ethiopia