Laamiin Yaamaal taphataa cimaa Laaligaa Ispeen jedhame
Finfinnee, Caamsaa 28, 2018 (FMC) – Laamiin Yaamaal taphataa cimaa Laaligaa Ispeen bara 2025/26 jedhamuun filatame.
Taphaataan sarara fuulduraa Baarseloonaa dargageessi umrii waggaa 18 Laamiin Yaamaal taphoota liigichaa 28 bara kana taphateen galchiiwwan 16 lakkoofsisuu fi kubbaawwan galchii ta’an 11 mijeessee kenneera.
Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaa10 taphateenis galchiiwwan 6 galchuun 4 ammoo haala mijeessera.
#Oromia #Ethiopia