Labsichi nageenya saayibarii cimsuuf murteessaadha
Finfinnee, Hagayya 1, 2018(FMC)- Labsiin nageenya bu’uuraalee misoomaa ijoo haaraan nageenya saayibarii cimsuuf murteessaadha jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tigist Hamiid.
Tigist Hamiid ragga’uu labsichaa ilaalchisee guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Labsichi saayibarii Itiyoophiyaa bu’uura amansiisaa irratti ijaaruufi amanamummaa diijitaalaa mirkaneessuuf kan bocame hammattoo seena qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Keessumaa dameewwan bu’uuraalee misoomaa ijoo 12 adda baasuun seeraafi sirna hordoffii yaaddoowwan nageenya saayibariifi garaagaraarraa eeguuf dandeessisu diriirfamuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan saffisaan gara diinagdee diijitaalaatti ce’aa jiraachuu kaasanii, sirnoota diijitaalaa, odeeffannoowwan fi bu’uuraalee misoomaa ijoo yaaddoo nageenyaarraa eeguun dhimma nageenya biyyaalessaafi birmadummaa diijitaalaa ta’uus ibsaniiru.
Labsiiwwan haleellaawwan saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo irra gahan ittisuuf, yaaddoowwan dursanii adda baasuuf fi wayita mudatan deebii hatattamaa kennuuf sirna hojimaata kan diriirsu ta’uus eeraniiru.
Dhaabbileen kunneen sadarkaa nageenya saayibarii akka eeganiif labsichi dirqamoota kaa’uus kaasaniiru.
Dhaabbileen madaallii yaaddoo saayibarii akka gaggeessan, oodiitii nageenyaa akka godhan fi sirna nageenyaa barbaachisaa akka diriirsaniif hojimaatilee dirqamsiisan kan hammate ta’uus eeraniiru.
Waqtii qophii kanatti dhaabbileen ulaagaalee labsichaa akka guutaniif Bulchiinsichi deeggarsa teeknikaafi qajeelfa akka kennu ibsaniiru.
Labsichi Waxabajjii 2, 2018 Mana Maree Bakka Bu’ootaan raggaasifamuun ni yaadatama.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia