Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 561 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC)- Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 561 gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Lammiilee torban kana keessa balallii torbaan gara biyyaa deebi’an keessaa 929 dhiirota, 580 dubartoota, 52 daa’imman yoo ta’an kenneen keessaas 99 guddattoota umrii waggaa 18 gadii ta’uun eerameera.
 
Lammiilee kanneeniif buufata xiyyaaraafi giddigaloota tursiisa yerootti kunuunsi taasifamuufiin hojiin maatii isaanii waliin walitti fiduu hojjetamaa akka jiru ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
 
Fulbaana 5, 2018 irraa eegalee hojii lammiilee haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kumni 100 fi kumni 11 ol gara biyyaa deebi’uu ministeerichi beeksiseera.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.