Loojiin Haroo Dandii bu’aa qabeessummaa raawwii tarsiimoo tuurizimii biyyaalessaaf agarsiistuudha- Waajjiricha
Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Loojiin Haroo Dandii bu’aa qabeessummaa raawwii tarsiimoo tuurizimii biyyaalessaaf agarsiistuudha jedhe Waajjirri Ministira Muummee.
Waajjirichi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen Sagantaa Maaddiin Dhalootaaf qabeenya uumamaa keenya fayyadamuun utubaa diinagdee gatii guddaa qabu ijaaraa jirra jedhe.
Itiyoophiyaan karaa Loojii Haroo Dandii iddoo gahumsa tuurizimii ishee kan cimsitu ta’uus eereera.
Pirojektiin kun guddina naannichaa saffisiisuuf akka dammaqsituutti tajaajiluurra darbee invastimantii tarsiimawaan tuurizimii sirnaakkoo irratti taasifamu misooma waaraa fi carraa egeree diinagdee Itiyoophiyaa akka mirkaneessu ibseera.
#Oromia #Ethiopia