Lubbuu dhukkubsattoota onnee baraaruuf dhaabbaticha waliin hojjechuuf waliigalleerra-Kantiibaa Adaanech Abeebe
Finfinnee, Adoolessa 11, 2018(FMC) – Lubbuu dhukkubsattoota onnee baraaruuf Faawundeeshinii “Heart Attack Ethiopia ” waliin hojjechuuf waliigalleerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, hundeessitoonni dhaabbatichaa fi garee tola ooltotaa waajjira keenyatti simanneerra jedhan.
Gareen tola ooltota dhaabbatichaa yeroo 5ffaaf gara Itiyoophiyaa dhufuun dhukkubsattoota onnee 700 ol dhiphina irraa baraaruu dubbatan.
Fuulduraafis dhukkubsattootni onnee dabaree eeggatan deebii ariifataa akka argataniif qindoomnee lubbuu danuuwwanii baraaruuf waliin hojjechuuf waliigalleerra jedhan.
Dhaabbatichi garee yaalaa qindeessuun lubbuu baraaruuf tattaaffii gochaa jiru dinqisiifatanii, maqaa isaanii fi maqaa wal’aanamtootaan galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia