Fana: At a Speed of Life!

Maanchisteer Yuunaayitiid vs Liivarpuul…

Finfinnee, Ebla 25, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaand torbee 35ffaan Maanchister Yuunaayitiid dirree isaa Ooltraafoorditti Liivarpuul ni keessummeesa.

Tapha har’a Sa’aatii11:30 irratti taphatamuun, gama Maanchiister Yuunaayitidiin Maatiyaas Diilaayit miidhamaan, Lisaandiroo Maartiineez ammoo sababa addabbiin hin hirmaatan.

Maanchisteer Yuunaayitiid qabxii 61’n liigichaan sadarkaa 3ffaarratti, Liivarpuul immoo qabxii 58’n sadarkaa 4ffaarratti argamu.

Taphichaan Maanchisteer Yuunaayitiid sadarkaa isaa eegsifachuuf Liivarpuul immoo fooyyeeffachuuf kan falman ta’a.

Taphoota birootiin, Boornimaawuuz Kiristaal Paalaas waliin sa’aatii 10:00 irratti, akkasumas Astoon Viillaan Tootinhaam Hootispar waliin galgala sa’aatii 3:00 irratti ni taphatu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.