Maanchister Yunaayitid Saabaah FK waliin
Finfinnee, Qaammee 5, 2018 (FMC) – Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa jalqabaan har’a taphoonni 6 ni gaggeeffamu.
Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaa yeroo sadii kan mo’ate Maanchister Yunaayitid bara dorgommii kana keessatti tapha isaa jalqabaa garee Azarbaajaan Saabaah FK waliin ni gaggeessa.
Yunaayitidonni waggoota dorgommii lama booda gara Shaampiyoonsii Liigiitti kan deebi’an yoo ta’u, tapha galgala sa’aatii 4:00 irratti istaadiyeemii Oold Trafford keessatti gaggeessaniin bara dorgommii kana ni jalqabu.
Baayer Muuniik fi Bo’odoo Giliimtii, Komoo fi ARB Leipziig, akkasumas Islaaviyaa Pirahaa fi Loons, yeroo walfakkaatu sa’aatii 4:00 irratti waliin morkatu.
Taphoota kanneen dura immoo galgala sa’aatii 1 fi daqiiqaa 45 irratti Feneerbaachee fi Roomaa, akkasumas PSV fi Shaakhtaar Dooneeskiin kan waliin taphatan ta’a.