Magaalaa Dirredhawaatti meeshaaleen filannoo raabsamaa jiru
Finfinnee, Caamsaa 23, 2018(FMC) – Magaalaa Dirredhawaatti meeshaaleen filannoo buufataalee filannootti raabsamaa jiru.
Kenniinsa sagalee Filannoo waliigalaa 7ffaa boru geggeeffamuuf karaa guutuu ta’een qophaa’amaa akka jiru ni beekama.
Haaluma kanaan bulchiina maagaalichaattis kaleessa irraa eegalee meeshaaleen filannoo gara buufataalee filannootti raabsamaa jiru.
Boordii Filannoo Biyyaalessaatti Itti gaafatamaan waajjira damee Dirredhawaa Ziyaad Yaasiin Mahaammad, meeshaaleen filannoo buufataalee filannoo hunda qaqqabaa jiru jedhan.
Har’a buufataalee filannoo hunda guutummaatti akka qaqqabanis ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia