Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti Piroojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu 7 tajaajila kennuu eegalan

Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Magaalaa Shaggar kutaalee magaalootaa garagaraa keessatti Piroojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu 7 ijaarsi isaanii xumuramuun tajaajila kennuu eegalan.

Bara 2016 eegalee hanqina bishaanii dhugaatii qulqulluu ture furuuf Piroojektoonni 18 hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa 7 xumuramuun tajaajila kennuu eegalaniiru.

Piroojektoonni kunneen kutaalee magaalaa Laga Xaafoo, Kooyyee Faccee, Gafarsaa Gujee fi iddoolee birootti kan ijaaraman ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii magaalichaa Injinar Abboomaa Tarreessaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti himaniiru.

Kutaalee Magaalaa Sulultaa fi Biraayuutti ammoo ijaaramaa jiraachuu kaasuun, ijaarsi Piroojektoota kanneenis Birrii biiliyoona 5 oliin raawwatamaa jiraachuu himan.

Uwwisni Bishaan dhugaatii qulqulluus % 56.7 irraa ture, yeroo ammaa %71.66 qaqqabuu eeran.

Hirmaannaa haawasaa fi Iskimootaa hojii dhaabanii turan hojitti deebisuun hawaasa kuma 300 fi kuma 23 ol fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu taasiuun danda’amuu dubbatan.

Taarik Addunyaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.